Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Abiyyi Ahmad Maqaleetti Imalanii Deebi’an


Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad haasawaa dhageesisaniin uummanni Tigraay seenaa biyyatti kan bara dheeraa keessatti tokkummaa Ityoophiyaaf bakka guddaa akka qabu yeroo gaarittis ta’e hamaatti lammii biyyatti ta’u isaa irratti kutataa ta’u ibsan.

Gita bittaan cunqursamaa fi dhitamaa akkasumas haala hamaa keessa yeroo tureetti illee uummata ka biroo wajjiin wal ta’e ijoollee isaa kuma hedduu wareeguu filate jedhan.

Lammii Iiyoophiyaa ta’u isaa kan ilaaleen asii fi achii ituu hin jedhiin uummata dhiiga isaa keessatti cichaa fi haqa akka galaatti guduunfate dha jedhan Dr.Abiyyi.

Uummanni Qabsoo keessatti bakka guddaa qabu kun gara misoomaa fi nageenyatti akka deebisus dhaamaniiru.Gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii furuufis qindoominaan ni hojjenna jechuun Dr. Abiyyi ibsanii jiru.

Itti aanaan preezdaantii bulchiinsa naannoo Tigraay Dr. Dabratsiyoon G/mikaa’eel gama isaanitiin, ummanni naannoo Tigraay ummata Ityoophiyaa kaan wajjin ta’uun biyya foyyoofte ijaaruuf ni hojjeta jedhan.Mirgi bakkaa bakkatti socho’anii hojjechuu akka kabajamu, lammiilen buqqa’anis akka deebi’anii dhaabbatan ni hojjetama jedhaniiru.

Dr. Abiyyi Ahmad Maqaleetti Imalanii Deebi’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:19 0:00

XS
SM
MD
LG