Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-maree Yunaayitid Isteets HR 128 Raggaasisuu Ni Deggerra, Hooggantoota Mormitootaa Itiyoophiyaa Keessaa


Itiyoophiyaa keessatti mirgawwan dhala-namaa akka kabajamanii fi ol’aantummaan seeraa akka jiraatu jajjabeessuuf – qabiyyee jedhu kan of-keessaa qabu, Wixineen seeraa mirga dhala-namaa fi itti-gaafatamummaa HR 128 jedhamu, kongiresii yokaan mana-maree bakka-bu’ootaatti Yunaayitid Isteetsiin reggaasisamuu isaa ka deggeran tahuu, hoogganoonni paartiilee mormitootaa Itiyoophiyaa biyya keessaa socho’anii beeksisanii jiran.

Mootummaan Itiyoophiyaa, wixineen seeraa Yunaayitid Isteets sun, “jijjiirama Itiyoophiyaa keessatti mul’ataa jiru kan ilaalcha keessa hin galchiin waan taheef, kan yeroo isaa eege miti” jechuun deebii kennuun isaa ni yaadatama.

Hoogganoonni paartiilee mormitootaa garuu, “Itiyoophiyaa keessatti daandiin jijjiiramaa si’achi, hin jalqabamne” jedhu.

Mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetsiin kan raggaasisame – wixineen seeraa HR 128 jedhamu kun, mootummaan Itiyoophiyaa, labsii yeroo hatattamaa biyyattii keessatti labsamee jiru akka kaasu, humnoonni naga-eegumsaa humna gitaa-oliitti gargaaramuu isaabnii akka akka dhaabsisu, mirga walga’uu, akkasumas walabummaa preesii akka kabaju, kana malees, kanneen haga ammaatti lammiwwan ajjeesanii fi hidhaa irratti reebicha geggeessan seeraan akka gaafataman akka taasisu gaafata. Tarkaanfiilee ka biroo hedduu, ka mootummaan Itiyoophiyaan fudhatamuu qabu – jedhu tarreessee jira- seerri kun.

Dhaggeeffadhaa

Manni-maree Yunaayitid Isteets HR 128 Raggaasisuu Ni Deggerra, Hooggantoota Mormitootaa Itiyoophiyaa Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:44 0:00

XS
SM
MD
LG