Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Haga Nageenyi naannoo bakkatti deebi’utti qe’eetti deebi’uu hin dandeenyu’ jiraattota Mooyyalee baqatanii Keeniyaa jiran


Oromoota Mooyyaleedhaa baqatanii Keeniyaa buufata baqattootaa Somaarree jiran, Bitootessa 27, 2018
Oromoota Mooyyaleedhaa baqatanii Keeniyaa buufata baqattootaa Somaarree jiran, Bitootessa 27, 2018

Lammileen Oromoo Mooyyalee baqatanii keeniyaa jiran Mootummaan Kutaa Bulchiinsa Maarsabiit akka galluuf nu dirqisiisaa jira jedhan.

Baqattoonni buufata baqataa yeroodhaaf hundaayee ka Dambalaa Fachaanaa jedhamu keessa jiran Mooyyalee fi gandoota naannoo ishee keessa jiran keessatti nageenyi guutummaan waan hin buuneef ofirra deebinee galuu hin dandeenyuu jedhu.

Dhimma kana Waajjirri Dhimma Baqataa ka Keeniyaa gaafatamee, baqattoonni haga galuu hin feenetti namni isaan dirqisiisu akka hin jirre beeksiseera.

Galmoo Daawit dabalata qaba

‘Haga Nageenyi naannoo bakkatti deebi’utti qe’eetti deebi’uu hin dandeenyu’ jiraattota Mooyyalee baqatanii Keeniyaa jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:09 0:00

XS
SM
MD
LG