Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Minsiteeraa Jaappaan Sababaa Fayyummaaf Jecha Aangoo Gad Dhiisuuf Jiraachuu Beeksisan 


Muummichi ministeeraa Jaappaan Shinzoo Abe sababaa fayyummaan isaanii gad adeemaa deemeef aangoo gad dhiisuuf karoorsuu isaanii beeksisan.

Tookiyoo keessatti jimaata har’aa tuuta oduuf ibsa kennaniin Abeen akka jedhanitti aangoo gad dhiisuuf kan murteessaniif dhibee madaa’uu marum’aanii bara 2007 aangoo irraa akka bu’an isaan taasise waan itti deebi’eef jecha.

Kan silaa yeroon hojii isaanii Fulbaana 2021 dhumatu Abeen, hanga hoogganaa haaraan muummicha ministeeraa ta’ee tajaajilu hanga filamee paarlaamaa dhaan raggaasisamutti aangoo irra turu jedhamee eegama.

XS
SM
MD
LG