Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Haacaaluu Booda Amantoonni Ajjeefaman Jetti Waldaan Orotodoksii Itiyoopiyaa 


Waldaan Orotodoksii Itiyoopiyaa har’a waaree irratti waajjira paatriyaarikii keessatti ibsa tuuta oduuf kenname irratti ibsa barreeffamaan dhiyaateen amantoota koo irratti raawwatame kan jette gocha suukaneessaa tarreessitee jirti.

Artist Hacaaluu Hundeessaa maqaan kiristinnaa isaa Hayile Gebreel akka jedhamu kan tuqe ibsi kun ajjeefamuu artistii kanaatti aansuu dhaan Oromiyaa bakka tokko tokkotii orotodoksii ta’uu isaanii qofaaf adda baafamanii ajjeechaa sukaneessaan irratti raawwatamuu ibsa.

Ibsi sun itti fufuu dhaan qaamotiin mootummaa kanneen badii dalaganiif obsa hin qabnu, haqa barbaachisu ni mirkaneessina, kanneen miidhaan irra ga’eef hirpha ni baafna jechuun kan waadaa seenan hojii irra oolchu yoo ta’e waldattiin obsaan eegaa kan turte ta’uu dubbata ibsi kun.

Ajjeechaa Haacaaluu Booda Amantoonni Ajjeefaman Jetti Waldaan Orotodoksii Itiyoopiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00


XS
SM
MD
LG