Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maayik Pompeyoo Imaltuu Itti Fufanii Jiru


Ministeerri haajaa alaa Yunaaytid Isteetes mootii Baahreen wajjiin

Ministeerri haajaa alaa Yunaaytid Isteetes kun har'a aangawoota biyya Baahreen wajjiin kn dubbatan yoo ta'u Iraan kutaa sana keessatti dhiibbaa hamaan geesisaa jirtu dura dhaabachuuf tokkummaan biyyoota galoo galaanaa barbaachisaa ta'u ibsan.

Waliigaltee biyyi tokkummaa Emereetoota Arabaa fi Israa'eel hariiroo diplomaasii cumsuuf gara jalqaba baatii kanaatti mallatteessan waggoota 25 caalaa keessattitarkaanfii guddaa dha jechuun Pompeyoon Twitarii irratti barreessan.

Waliigalteen kan Abraaham jedhamee waamame kun eega mallatteeffamee booda biyya tokkummaa emereetoota Arabaa seenuu koof akkasumas uummata biyyatti arguu koof nana gammada jechuun barreessan.

Kibxata kaleessaa immo Pompeeyoon Sudaan dhaqanii akka turan ni yaadatama.

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG