Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonii Miiliyoonii 20 ta’an beela’uu akka danda’an WFPn beeksiseera


FAAYILII - Soomaaliyaa irra namoota sababa ongeetin buqahan, Dadaab, Keeniyaa
FAAYILII - Soomaaliyaa irra namoota sababa ongeetin buqahan, Dadaab, Keeniyaa

Roobnii hedduu barbaachisaa ta’ee yeroodhaan roobuu baannaan namoonii gaanfa Afrikaa gargaarsaa namoomaa harifachisaa barbaadaan dhumaa bara kanaa keessaa garaa miiliyoonii 20ti ol ka’uu akka danda’u dhaabbanni sagantaa midhaan nyaataa adduunyaa WFPn ibsuun isaa gabaasameera.

Sababa roobinii gahaan waggoottan sadan darbanif hin turreef hirdhinii omishaa waan umamee lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoonii 7.2 beelaa cimaa keessa akka seenaniif beelladoonni Miiliyonatti lakkawaman akka du’an gabaasni WFP kun beekissiseera.

WFPn keessumaa, dhimma Somaliyaa, keeniyaaf fi Itiyoophiyaa ilaalteen akka ibsetti, yeroo ammaa gatiin midhaan nyaataa Itiyoophiyaa keessatit dhibeentaa 66 yemmuu dabalau ,Somaliyaa keessatti immoo dhibeentaa 36 dabaleera.

Gaanfaa Afrikaatti Daarekteeraa WFP kan ta’an Mikaa’el Duunfoord akka jedhanittii haalii jiru gaarii miti.Itti dabaluudhanis,

"Haalichii gadheedha. Caalaa hammaachaa deemaa jira. Waa’ee roobaa kanaaf yaadda’aa jirra. Ummanii dadhabeeraa. Maddaawan bishaanii dadhabaa jiruu. Beelladoonii du’aa jiru. Omishinii midhaanii kufaatii keessa jira. Haalichaa bakka isaatti deebisuu hin dandeenyuu taanaan rakkina guddaatu fuulaa keenyaa dura jira," jedhaniiru.

WFPn biyyoottan gaanfa Afrikaa Itiyoophiyaa ,keeniyaa fi Somaliyaa keessatti gargaarsaa lubbuu baraaruu dabaluudhaaf ji’ootan 6 dhufan keessaa degersaa Doolaara kuma 473 akka barbaadu beeksiseera. Ji’a Amajjii darbee gaaffii deggersa Doolaaraa Miiliyoonii 370 dhiheesus amma ammaatti kan argachuu danda’e dhibeentaa 13 gad akka ta’e WFP ibsuu isaa gabaasiin Liisaa Shilaayin Jeeneevaa irraa VOAdhaaf ergitee beeksiseera.

XS
SM
MD
LG