Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessa Namoonni Gargaarsa Midhaan Nyaataa Barbaadan Miliyoona 2 ol Jiraachuun Ibsame


Faayilii - Magaala Shakkisoo, Gujii

Naannoo Oromiyaa keessa amma gargaarsa midhaan nyaataa kanneen barbaadan namootni miiliyoona lamaa ol jiraachuu mootummaan naannichaa beeksisee.

Obbo Garramuu Oliiqaa Itti Aanaan Koomishineraa Koomishinii Sodaa Balaa Oromiyaa, godinaalee Oromiyaan qabdu 21 keessaa 19 keessa hanqinni midhaan nyaataa akka jiru eeran.

Haaluma kanaan Godina Gujii Aanaalee Gammoojjii fi Badda-dareetti roobni Arfaasaa dhaabbachuu irraa kan kahe namootni kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaaf saaxilamuun himamee jira.

Namoonni Gargaarsa Midhaan Nyaataa Barbaadan Miliyoona Lamaa ol Jiraachuu Mootummaan Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:35 0:00


XS
SM
MD
LG