Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinni Mirga Namaa Itiyoophiyaa Namoonni Sababaa Eenyummaa Ofiif Hidhamaa Jiraachuu Adda Baafadhe Jedha


Faayilii - Magaala Finfinnee naannoo Maganaanyaa jedhamee waammamu, Sadaasa 3, 2021
Faayilii - Magaala Finfinnee naannoo Maganaanyaa jedhamee waammamu, Sadaasa 3, 2021

Komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa sababaa labsii yeroo muddamaan kan ka’e namoonni hidhamaa jiraachuu ilaalchisee yaaddoo qabu ibsee jira.

Labsiin yeroo hatattamaa, humnoonni seera eegsisan shakkamtoot gareelee shororkeessummaan ramadaman waliin hojjetan akka hidhaniif mirga kennuuf iyyuu, komiishinichi akka jedhutti hidhaan sun gosaan adda ba’ee ijoollee hanga umuriin isaanii waggaa kudhanii ta’uu fi harmoolii maanguddoota ta’an of keessaa qabaachuu isaa adda baafadhera jedhan. Miseensonni maatii namoota kanaa akka isaan hin gaafanne dhorkamuunis na yaaddesseera jedha komiishinichi.

Akkuma kanaan, poolisiin Dirree Dhawaa shakkamtoot 200 ol kanneen garee shorokeessummaan ramadaman waliin hojjetan jedhe to’annaa jala oolchuu isaa beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG