Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Naqamtee Keessatti Namnii Tokko Ajjefamuu fi Kannen 19 Ta’an Madaa’uu Hospitaalli Magaalatti Beeksisee Jira


Yunvarsiitii Wallagaa, Naqamtee
Yunvarsiitii Wallagaa, Naqamtee

Hogganoota KFO mana hidhaa ba’an akka magaalaa Naqamtee hin seenne Sambata darbee ittifamuu sanatti hidhatee mormiin magaalaa Naqamtee keessatti gaggeeffamuu guyyaa arfaffaaf har’a itti fufuu isaa jiraattonni ibsanii jiru.

Wiixata Guraandhala 26 galgalaa qabee hanga fi Kibxata har’atti raayyaan ittisaa haleellaa hammeessuu isaa kan dubbatan jiraattonni namnii hidhamee fi mada’ee jiraachuu dubbatan.Hospitaallii Naqamtee namnii tokko ajjeefamuu fi ka biraan tokko wal’ansa jabaaf Finfinneetti ergamuu ibsee jira.

Hanga har’a waaree boodaaatti kanneen biroon 18 ykn 19 ta’an mada’anii hospitaala cisuun wal’ansa argachaa ka jiran ta’u Dr. Dassaaleny Taddasaa hospitaala Naqamtee irraa beeksisanii jiru. Kanneen mada’an kun irra jireessi isaanii Dullaa ykn Uleen rukutamanii akka ta’e garu kan lubbuun darbee fi wal’ansaaf ergame kanneen rasaasaan rukutaman keessaa ta’u ibsanii jiru.

Gama kaaniin raayyaan ittisa biyyaa mooraa Yunivarsitii keessa duraa qabee bufachuun isaa rakkoo itti fiduu isaa barattonni yunivarsitichaa dubbatanii jiru.Keessumaa hogganoota KFO simachuuf barattonni mooraa duratti eega ba’anii booda haallii jiru daran hammaatuu dubbatu.

Gaaza himiimaansu daree keessatti baratanii fi bakka cisichaatti darbachuun itti fufuu isaa ibsanii kaleessa galgalaa qabee immoo rasaasa dhukaasuun bifa addaan itti fufuu dubbatu.Angawoonni Yunivarsitii callinsaan waan barattoota irra ga’u ilaalaa akka jiranii fi maal gochuu akka qaban wallaaluu isaanii ibsan.

Angawoonni yunivarsitichaa deebii akka kennaniif bilbilameef kaan bilbila harka isaanii hin kaasan . Kaan immoo nu irratti cufan.

Gbaasa guutuu caqasaa

Magaalaa Naqamtee Keessatti Namnii Tokko Ajjefamuu fi kannen 19 Tta’an Madaa’uu Hospitaalli Magaalatti Beeksisee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:37 0:00

XS
SM
MD
LG