Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Orlaandootii Booda Dhimma Islaamaa Irratti Walfalmii Obaama fi Doonaald Traamp


Pireesdaantin Ameerikaa, Baarak Obaamaa hasaha oggaa godhu, Waxabajji14, 2016.
Pireesdaantin Ameerikaa, Baarak Obaamaa hasaha oggaa godhu, Waxabajji14, 2016.

Sambanni darbe, Waxabajjiin 11, 2016, Flooriidaa magaala Olraandootti Sambata baramee mitti. Kilabiin Pulsii, bakka bashannanaa namoonni saala walfakkaataa jalallee godhatanii (Geey) beekkamaadha. Sambaat duraa, Sambata guddaatti barii, halkan, namnni Omaar Maatiin namoonni bashannana isaanii fixanii, Djeen ( namichi sirba tabachiisaa ture) sirboota dhumaa tabachiisaa oggaa jriutti qaweee isaa guggutatee olseene, namootaatti dhukaasuu jalqabe. Namoonnii qulqulluun 49 lubbu isaanii dhabanii, shantamaa olimmo madahaan. Bayyinni nama galaafatamee, seenaa Ameerikaa keessatti haleellaa walfakkataa dhaqaban keessaa kana hammata isa godha.

Namicha halellaa Orlaandootiin shakkame, Omaar Maatiin
Namicha halellaa Orlaandootiin shakkame, Omaar Maatiin

Shakkamaan kun, namootatti dhukaasuu odoo hin jalqabiin poolisii bilbilee ISISi wajjin hidhata qabaachuu isaa hime. Haleellan kun ji’a Ramadaana keessa dhaqabe. Hawaasni musliimaa Ameerikaa ; Los Aangelesii amma Waashingtan Disiitt fi bakka hundaa gocha Omaar Matiin kana balalleffachaa jira, hojiin isaa gonkumaa amantii Islaamaa wajjin hidhata hin qabu jechuudhan.

Dura taa’an Giddugalla Musliimaa Kibba Kaalifoornia, Hedaab Tarifii, “gocha akkanaa akka malee balaaleffanna” jedhe, hawaasa isaa bakka bu’e.

Omaar qawwee kana ittin godhe seerumaan bitate, qawwichi 'Sig Sawer MCX' jedhama, qawee dirree waraanaati fayyadaman ‘AR-15’ wajjin xinnuma addaan jira. Gaddaa fi rifaatu haleellan kun geechise booda, piresidaantiin Ameerikaa akkasumas warra filannoo pireesdaantii Ameerikaa bara 2016ti dorgomaa jiran keessaa Hilaari Kiliintan fi Donaald Traampiis dhimma to’annaa qawwee, shororkeessummaa akka itti falmataan,fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti yaada saanii dhiheessu qofa odoo hin ta’in wal komachaa jiran.

Presidaant Obaamaan dhimaa haleella Orlaandoo kanaratti gorsiitoota naeenya biyyaa wajjin marii godhe oggaa bahu, gaazexessota alatti isa eegan fundura dhaababatee hasaha godhe.

Obaamaan filannoo barana godhamuudhaa deemu kanaratti baayyee hin hasahu ture . Kaleessa garuu, nama oggaa ini Waayit Hawusii gadaa isaa fixatee bahe isa bakka bu’uu dha duula nafiladhaa gochaa jiru, abbaa qabeenyaa,Donaald Traampti ka’e. Donaald hoon pireesdaantii ta’ee filame musliimonni akka biyyaa Ameerikaatti hin godaanne dhowwuu karoorfateera. Obaman garuu “ yaadni akkanaa kun sodaa nagaha Yunaaytid Isteets qabdu ituumaa hammeessa malee hin foyyesuu “ jechuudhan fudhatama isa dhabsise, hasaha kaleessaa keessatti.

Doonaald Traamp
Doonaald Traamp

​Donaald karaa isaatin, wiixata darbe hoggansa Obaamaa qeeqaa ture , “Obaamaan shororkeessitootaf aantee agarsiisa” jechuudhan.

Karaa paartii demookratii iraa godina Peensilveeniyaatti duula na filadhaatti han jirtu, Hilarii Kiliintan qeeqa Doonaald Obaamaa irratti dhageechise callistee hin dabaree. Hiilariin, “dhimmaa siyaasaa irratti adda addummaan keenyaa addan fagaachaa dhufullee, namni pireesdaantii Ameerikaa ta’uudha dorgomaa jiru waan akkanaa dubbachuun isaa waanuma eggamuu miti” jette.

Hilarii Kilintan
Hilarii Kilintan

Karaa biraatin , Warrumtti paartii Ripublikaanii keessa jiranuu ilaalcha amaantaa Islaamaa irratti Donaald Traamp qabu fudhatama dhabsiisaa jiran. Kana keessaa tokko akkuma Traamp ripublikaanii han ta’ee fi dura ta’aa mana marii Ameerikaa Pawul Rayani. Pawul,”musliimoonni waahiltoota keenya. Musliimonni biyya kana jiraan bayyinaan warra yaada madaalawaa qabani fi nama nagahaati” jechuudhaan Traamp qeeqe.

Haleellaa Orlaandootii Booda, Dhimma Islaamaa Irratti Walfalmii Obaama fi Doonaald Traamp
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:57 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG