Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kilinton Kaadhimama Prezidaantummaa Injifatte Iyyuu Dorgommii Cimaa tu Ishee Eeggata


Democratic U.S. presidential candidate Hillary Clinton greets supporters during her California primary night rally held in the Brooklyn borough of New York, June 7, 2016.
Democratic U.S. presidential candidate Hillary Clinton greets supporters during her California primary night rally held in the Brooklyn borough of New York, June 7, 2016.

Baatiilee hedduudhaaf eega dura-dhaabannaan jabaan dimookiraaticha ka biraa – Berbnii Saanders irraa ishee mudatee booda, Hilarii Kilinten, kaleessa halkan, dorgommii kaadhimama prezidaantummaa akka injifattee fi dimookiraatota bakka-buuteetti of labsite.

“Galatni isiniif haa tahu, kunoo injifannoo guddaa hunde-qabeessa irra geenyee jirra. Yeroo jalqabaatiif, seenaa biyya keenyaa keessatti dubartiin paartii guddaa tokko bakka-buutee prezidaantummaa Yunaayitid Isteetsiif dorgomuuf jirti.” Jette.

Paartii ishee keessaa kan isheen dorgomaa ture - kan “sooshaalistii dimookiraatawaa” ofiin jedhuu fi wal-caalmaa galii dhabamsiisuu fi eegumsa fayyaa nama hunda dhaqqabsiisuuf akka qabsaa’u dubbachuu isaatiin lammiwwan miliyoona hedduu, keessumaa dargoggota Ameerikaa of duukaa hiriirse – Saandersiinis galateeffattee jirti – Kilinton. Dhimmoonni inni wal-falmii irratti fi duula filannoo irratti kaase Paartii isaanii fi Ameerikaaf gaarii ta’uu dubbatte. Garuu, Kilinteen injifannoo seena-qabeessa kana labsatte iyyuu, Saanders ammaa illee akka isheen dorgomuu itti fufu beeksisee jira.

Seenaa Jimjimoo
Seenaa Jimjimoo

Waa’ee injifannoo kilinton kana ilaalchisee --- kutaa Ilinoy, aanaa Vermiliyeen keessaa, dame eegumsa fayyaqa keessaa kan hojjettu – ogeettii siyaasaa fi bulchinsaa - durbee Seenaa Jimjimoo haasofsiiseen jira. Seenaan , digirii ishee tokkoffaaf – saayinsii siyaasaa, digirii ishee lammataaf immoo bulchiisa uummataa fi fayyaa uummataa baratte. Gama hawaasa Oromootiin immoo, falmaa mirga Oromootti hirmaachuu irra tartee, daarektora ol’aantuu hawaasa Oromoo Chikaagoo turte. Siyaasa Ameerikaa keessatti illee muuxannoo qabdi – seenaan.

Kilinton Kaadhimama Prezidaantummaa Injifatte Iyyuu Dorgommii Cimaa tu Ishee Eeggata
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:09 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG