Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baaraak Obaamaan Dhaabbata John F Kennedy Biraa Badhaasa Argatan


Baaraak Obaamaan Dhaabbata John F Kennedy Biraa Badhaasa Argatan
Baaraak Obaamaan Dhaabbata John F Kennedy Biraa Badhaasa Argatan

Prezidaantiin US duraanii Barack Obaman miseensonni kongresii ameerikaa ilaalcha paartii isaanii waliin wal dhabu iyyuu dhugaa jiru ilaalanii dubbatu abdii jedhun qaba jedhan.

Yaadi Obama kun kan dhaga’ame ennaa isaan dhaaba John F Kennedy biraa badhaasa “Profile in Courage” jedhu Boston keessatti badhaafaman ture. Kana kan dubbatan miseensonni mana maree bakka bu’ootaa seera insuraansii fayyaa Obama Care jedhu hambisuuf erga walii galanii guyyoota hanga tokko booda.

Obamaan kan bakka isaanii bu’an Donald Traampiin maqaa dhin dhoofne ykn insuraansii sana bakka buusuuf dhiibbaa isaan godhan ilaalchisee kallattiin isaanitti quba hin qabne.

Prezidaantichi duraanii seera tumtoota dimookraatotaa kanneen ciminaan hojjetanii seerri kun bara 2010 keessa akka darbuuf gargaaran galateeffataniiru.

Kanneen duraanuu humna-qabeeyyii ta’an, kanneen itti tolee jiraatan, kanneen dhiibbaa gochuu danda’an waliin dhaabachuun hagan agootummaa akka hin barbaachisne miseensonni mana-maree yeroo ammaa ni hubatu jedheen abdadha. Garuu warra gargaarsa hin qabne, warra dhukkubsatanii fi dadhaban, warra aangoo bira ga’uuf karaa hin qabne dursuu fi waliin dhaabachuun haga tokko gootummaa barbaada jedhan obaamaan.

Badhaasi sun maqaa kitaaba prezidaanticha durii Kennedyyn barreessaniin moggaafaman.

XS
SM
MD
LG