Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Oromiyaa Itti fufee jira Lubbuun Namaas darbe jedhu Jiraattonni


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Harargee lixaa aanaa Meessoo magaalaa Meessoo araddaa Saa’oo bakka Kaarraa jedhamutti “Liyyuu Poolis” jedhamu har’a ganama lubbuu namaa galaafachuu jiraattonni naannoo nuuf ibsanii jiran. Mucaan har’a du’e kan dheengadda Humuma Liyyuu poolis Kanaan ajjeefame abbeeraa Abdallaa Alii jedhamuu ta’uu kan nuuf himan jiraataan magaalaa Meessoo tokko haala magaalattii keessaa kan guyyaa har’aa akkasu jechuun ibsan.

Haaluma kana angawoota mootummaa biraa adda baafachuuf gara itti aanaa bulchaa aanaa Meessoo obbo Mohamed Jamalitti bilbillee ajjeechaa namaaf humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhatan jedhame ni haalan.

Gama biraatiin immoo Achuma aanaa Meessoo magaalaa Asabot keessatti hiriirri dheengagdda halkan fi kaleessa halkan hirirri geggeeffamuu isaa dubbatu jiraattonni. Asaboot waa’ee halkan dabree dubbatuun jalqabna.

Godina Wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee keesssa kan jiru barattoonni mana barnootaa qoophaa’inaa Naaqamtee har’a hiriira ba’anii jiran. Kaayyoon hiriira isaaniis Maastar plaaniin dhaabate jedhanii nu hin gowwoomsan nuti hin fudhannu, kanneen hidhamanii jiranis nuuf haa hiikaman jechuun mormii dhageesisuu isaanii barattoonni nuuf ibsaniiru

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:04 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG