Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Yeroo Paartii Badhaadhinaa Ka Naannoo Tigraay Hojii Jalqabuu Beeksise 


Faayilii - Magaala Maqalee
Faayilii - Magaala Maqalee

Obbo Nebiyuu Suhuul Mikaa’el itti gaafatamaa waajjira badhaadhinaa naannoo Tigraay VOAf ibsa kennanii jiru. Paartii badhaadhinaa Tigraay dabalatee sadarkaa biyyaa fi naannootti kanneen sosso’an miseensota paartilee siyaasaa kan of keessaa qabu kaabineen yeroo hundaa’ee hojii jalqabuu isaa obbo Nebbiyyuun ibsanii jiru.

Bulchiinsi yeroo akka hundaa’u kan eeyame mana maree federeeshinii ti. Manni maree federeeshinii eeyama erga kennee booda manni maree bakka bu’otaa seera baasee, gara hojiitti akka seenamu godhee jira jedhan.

Wixata kaleessaa qabee waajjiraaleen mootummaa fi hojjettoonni hedduun gara hojii isaaniitti akka deebi’an quba qabna jedhan. Daldalaawwanis banamanii hundumtuu gara hojiitti deebi’aa jiraachuu isaaf cimee kan itti fufu ta’uu argaa jirra jedhan.

Addaan citee kan ture tajaajilli ibsaa fi bilbilaas naannoo sana bakka tokko tokkootti jalqabuu isaa obbo Nebiyyuun ibsuu isaanii Tsion Girmaa Gabaasteetti.

Bulchiinsi Yeroo Paartii Badhaadhinaa Ka Naannoo Tigraay Hojii Jalqabuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:30 0:00


XS
SM
MD
LG