Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Izeemaa Gurmuun ol Aantummaa Biyyaa Eegsisu Akka Dhaabatu Gaafate


Faayilii - Paartiin Izeema ibsa yeroo kennu
Faayilii - Paartiin Izeema ibsa yeroo kennu

Mootummaan ol aantummaan biyyoolessaa biyyaaf gurmuun nageenya uummataa eegsisu akka hundeeffamu EZEMAn waamicha dabarsee jira. TPLFn deggertan jedhamuun walitti qabuun tarkaanfiin fudhatamu hatattamaan akka dhaabatu hojiin calaluu saffisaan akka hojjetamu paartichi gaafateera.

EZEMAn har’a waaree irratti gurmii tuuta oduu waame irratti ibsa barreeffamaan raabseen, finxaalessoota sab lammummaa kan ittiin jedhe waliin torbee walitti dhufeenyi inni uummate tokkummaa fi nageenya Itiyoopiyaaf balaa ta’uutti dabalee, diina Itiyoopiyaa ala jiruuf meeshaa ta’uu dhaan biyyattii fi godinaa isheen keessa jirtu balaaf saaxiluu akka danda’u paartichi kana dura xiinxala kenne yaadachiisuu dhaan, kan inni tilmaame dhaqqabuu isaa dubbata.

Xiinxala sana irratti hundaa’ees nageenyii fi tokkummaan Itiyoopiyaa humnoota akka mirkanaa’u barbaadan maraaf waamicha dabarse illee dubbatee jira. Qaama hundumaa caalaa itti gaafatamni kan irra jiru mootummaa federaalaa ti kan jedhe ibsi kun, waamicha isaa mootummaafis dabarsee jira. Ibsa sana dubbisaan kan dhageessisan barreessaa paartichaa obbo Abebe Akaaluu turan.

XS
SM
MD
LG