Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prizidaantiin Ameerikaa Jijjiiramuun Imaammata Isheen Itiyoophiyaaf Qabdu Hin Jijjiiru:Mormitoota


Faayilii - Hoggantoota gamtaa Medrekii
Faayilii - Hoggantoota gamtaa Medrekii

Paartii biyya bulchu IHADEG fi mootummaa dhiittaa mirga namaa fi waltajjii siyaasaa dhiphisuun kan himatan gareeleen mormitootaa michoota kan akka US irraa waa hedduu eegu. US paartii biyya bulchu waliin michummaa walitti dhiyeenya qabutti fayyadamuun dhiibbaa gochuu dandeessi jechuun amanu mormitoonni kun. Gumaacha US kan isaan ittiin madaalan malli tokkos dhiibbaa isheen mootummaa irra keessuun akka ta’e illee ibsaniiru.

Profeeser Beyyenee peexroos miseensa paarlaamaa kan turan miseensota mormitootaa keessaa kan yeroo dheeraaf tajaajilan isa dura yoo ta’an yeroo ammaa gamtaa Medrekiif dura taa’aa dha.

Psrezidaantonni Ameerikaa ennaa jijjiiraman imaammata isaan Itiyoopiyaa ilaalchisee qaban ennaa jijjiiru hin yaadadhu jechuu dhaan bara bulchiinsa president Obaamaa akka fakkeenyaatti tuqaniiru. Obaamaan hidda dhalata Afriikaa waan ta’eef lammummaan itti dhaga’ama jedhanii hedduu kan abdatan turan garuu abdii duwwaa ta’e abdachuu dha jechuu dhaan prezidaantiin Ameerikaa inni kam iyyuu dantaa biyya ofii dursa jedhan Imaammati Ameerikaa prezidaantiin inni kam iyyuu yoo dhufe tarkaanfii dantaa biyya isaanii eegsisu fudhachuu fi sana jajjabeessuu malee bulchiinsi biyya tokkoo abbaa irree ta’ee lammiiwwan isaa dararee sadarkaa lammataatti ilaalanii yaaduma kennu malee sababaa sanaaf biyya kam waliin akka wal hin dhabne seenaan isaanii ifaa ta’e kan agarsiisu.

Itiyoopiyaan michummaa farra shororkeessummaa US waliin qabdu kan torban lama booda aangoo Obaamaa harkaa fuudhan bara bulchiinsa Trump cimee itti fufa jedheen yaada jedhan profeesor Beyyeneen.

Gabaasa sagalee kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG