Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Masrii Furmaanni Akka Aramuuf Gaafatan


Faayilii - Prezidaantiin Masrii, Abdel Fattah Al sisi
Faayilii - Prezidaantiin Masrii, Abdel Fattah Al sisi

Hidha laga Abbayyaa kan Itiyoophiyaa keessaa akkaataa itti hojii irra ooluu danda’uu ilaalchisee, walii galteen kan walii galaa madaalawaa fi seera-qabeessa ta’e akka argamuuf prezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al sisi gaafatanii jiru.

Ibsa dursee waraabamee Kan Al Si Sii Kaayroo irraa Kibxata kaleessaa kora gola naga eegumsaa irratti kan dhiyatee Kanaan, Masriif akkaan barbaachisaa kan ta’e laga Abbayyaa irratti hidha ijaaramee kan ilaaleen biyyi isaanii gadda kan qabdu ta’u ibsan.

Masrii fi Sudaan golli naga eegumsaa marii hoggantummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamuu akka itti fufuu akka taasisuu, kunis falmii Itiyoophiyaa waliin jiru kan furu ta’u dubbatu.

Itiyoophiyaan immo golli naga eegumsaa keessa seenuu mormaa jirti.

XS
SM
MD
LG