Presidaantiin U.S Joo Baayidan dhibee Kooviid 19 bakka ojiitti waan ta’u qabu ilaalchisuudhaan qajeelfamnii ykn ajajjinni isaan kennan bakka bu’oota paartii Ripablikaanii tokko tokko iraa mormiin itti ka’eera.
Bulchiinsaa Baayidan mana murtiitti dhiheesinas jedhaniiru mormitoonii.
Qeeqxonni akka jedhanitti aangoon dhimma COVID-19 kan bulchiinsa Baayiden, qooda mootummaa federeaalaatii oli. Kanaaf kanneen hin tallaalamin biratti daran falmii kaasisuu mala.
Qajeelfamichi manneen hojii hangi tokko hojjettoonn isaanii guutummaan tallaalamu isaanii ykn qorannoo torban torbaniin geggeessan dhiyeessuu akka qaban gaafata. Imaammata sana kanneen irra daddarban adabi yeroo tokkoo hanga doolaara $14,000 ga’uu akka malu himamee jira.