Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinni Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa fi Kan Itiyoophiyaa Qorannoo Naannoo Tigraay Keessatti Geggeessan Xumuruu Beeksisan


Jarmayaa Tokkummaa Mootummootaatti waajjirri mirga dhala namoomaa fi komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa Tigraay keessatti garee lammaniin sarbiinsa mirga namoomaa fi cabiinsa seeraa baqattootaa irratti raawwatam irratii qorannoo waloo issa diree keessati taasisan raawwachuu isaanii ibsanii gabaasinii guutuun Sadaasaa 1, bara 2021 akka maxxansamu ibsaniiru.

Caamsaa 16 fi Hagayya 20 waggaa kanaa, gareen qorannaa tokko, Maqalee, Wuqiroo, Samree, Alammaaxaa, Booraa, Maayicoo, Danshaa, Maaykaadraa, Humaraa, Gondarii fi Baahir Daar akkasumas Finifinne keessatti qorannaa geggeessee jira.

Gareen kun gaaffii fi deebii namoota miidhaan irra ga’e, angawoota naannoo fi biyyoolessaa, dhaabolii hawaasa siivilii, waaltaalee amantii, angawoota oguma fayyaa fi murtii haqaa akkasumas dhaabolii garaarsaa Tigraay keessa sosso’an waliin geggeessee jira.

Komiishinni Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa fi Kan Itiyoophiyaa Qorannoo Naannoo Tigraay Keessatti Geggeessan Xumuruu Beeksisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:29 0:00


XS
SM
MD
LG