Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jala-butii Bara Haaraa Itiyoophiyaatti Gatiin Oomishaalee Baay’ee Dabaluu dubbatu Jiraattonni  


Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti jala bultii ayyaanaa bara haaraatti gatiin lukkuu yokaan hindaaqqoo tokkoo giddugaleessatti qarshii 500 gurguramee jira. Jala bultii ayyaana bara haaraa 2014tin namoonni dubbisne, kanneen gurguranis, kanneen bitanis lukkuu, re'ee, hoolaa fi qotiyyoo dabalee oomishaalee gosa hundaa irratti gatiin dubaluu dubbatu.

Magaalaa Finfinneetti gabaa horii Aqaaqii fi giddu gala gabaa kuduraa fi muduraa Hayilee Gaarment deemuun sochii gabaa ka daawwatte Tsahaay Daamxoo yaada walitti qabuun nuuf ergitee jirti.

Magaalaa Amboottis akkasuma gatiin gabaa dabaluu dubbatu, jiraattonni tokko tokko.

Gabaasaan keenya Naakoor Malkaa, gabaawwan irra deddeemee gaafachuun yaada jiraattotaa haga tokkoo qindeesseera. Bara haaraa Itoophiyaa bor seenu ilaalchisuunis yaada qaban. Caqasaa.

Jala-butii Bara Haaraa Itiyoophiyaatti Gatiin Oomishaalee Baay’ee Dabaluu dubbatu Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:22 0:00


XS
SM
MD
LG