Waajjirri muummicha muummicha ministeeraa ibsa baaseen gareen shorokeessaa Junta” jechuun kan ibse gareen TPLF uummaticha irraa barabaraan yoo adda ba’e malee qonnaan bulaan tasgabbaa’ee qonnaa qotuu akka hin dandeenye ifa gala dha jedhee jira. Gareen kun haleellaa inni raawwatu bifa sabumaa akka qabatu gochuu waan ta’eef ofi irraa deebisuun kan barbaachiseefis kanaafi jedhee jira. Deebii uummata keenyaa gita hin qabne illee barbaachisa jedha ibsi waajjiricha biraa ba’e kun.
Raayyaan ittisa biyyaa, humnoonni addaa naannoo fi milishoonni humna ganiinsaa fi giddu seeniinsa alaa dhoksaan shiramee Itiyoopiyaa diiguuf ka’e kana dhabamsiisuuf humna keessan cimaa akka ol kaastan kallattiin isiniif kaa’ameera jedha ibsi waajjira muummicha ministeeraa biraa ba’e kun.
Itti dabaluu dhaanis duulli biyya irraa ittisuu kana irratti umurii fi humni keessan kan eeyame lammiiwwan Itiyoopiyaa martinuu rayyaa ittisa biyyaa, humna addaa fi milishaatti dabalamuu dhaan biyya keessaniif yeroo itti waardiyaa daabattan jechuun waamicha dabarsi ibsi kun.
Mootummaan Itiyoopiyaa waraana isaa naannoo Tigraay keessaa kan baase, injifatamee ti malee dhukaasa dhaabiinsa akka hin ta’in kan dubbatu TPLF, haal duree inni kaa’e fudhatame hanga hin argatinitti kan itti fufu ta’uu hoogganoonni isaa ibsuun isaanii ni yaadatama.
Waajjirichi dhimmootii yeroo ilaalchisuun ergaa dabarsee waamicha biyyoolessaa ibsa ittiin dhiyeesseen, “biyyi ani dhiitee hin bulchine haa barbadooftu jechuun kan labsaa ture gareen TPLF farad diinonni keenya ittiin saggaaran ta’uu dhaan nageenya keenya booressuu fi biyya diiguuf faaggaa badiisaa dhageessisaa jira jedha ibsichi.
Rakkoo jiru daran hammeessuu humnoonni barbaadan gurra isaa miccirame jedhamuun kan ibsame hawaasi addunyaas, adeemsa wal xaxaa fi amala badii shororkeessaa kanaa hubachuu barbaachuu dhiisuu dhaan, dhugaa jiru dhiisee iyya qaama badii dalaguu ol kaasee afarse jechuu dhaan hawaasa addunyaa illee himatee jira ibsi sun.
Ibsi sun itti dabaluu dhaan, gareen kun yeroo isaa aangoo baroota dheeraa keessatti kan raawwate dhiittaan mirga namaa suukaneessaan, jiraachuu kanneen miliyoonaan laka’amanii hojii balleessuu isaa calliinsaan kan ilaalan qaamotiin sadarkaa addunyaa, har’a humna badii kana ajandaa ofii ittiin raawwachiisuu waan barbaadaniif, isa oolchuuf jecha yaalii gaarii mootummaan godhu akka waan hin arginiitti bira taruu filataniiru jedha.
Yaalii mootummaaf garii gaarii dhorkuun isaanii utuu hin hanqatin, sababaa gargaarsaan kan “Juntaa” jedhamu garee TPLFn hojii deggeru utuu hojjetanii kanneen qabaman illee jiru jedha ibsichi.
Waraansa sana duras uummati Tigraay sadii irraa harki tokko sagantaa seeftii neetiin deggeramaa kan ture ta’uu kan ibse waajjirichi, mootummaan dhukaasa gam tokkoo kan labse qonnaan bulaa fi uummatichaaf ta’us gareen TPLF hang dhumaatti uummatichattii yoo adda ba’e malee qonnaan bulaan qotachuu akka hin danda’in ifaa ta’uu ibsee jira.
Waajjirri muummicha ministeeraa ibsa kana kan baase, gochi TPLF OBSA mootummaa qormaata keessa kan galcheef of irraa ittisuu irraa gara haleeluutti kan isa dhiibe ta’uu isaa ministriin dhimma alaa guyyoota dura ibsa baasetti aanse ti. Ministrichi jimaata Adoolessa 30 ibsa baaseen ol aantummaa fi tokkummaa biyyaa eegsisuuf itti gaafatama hamelee, seeraa fi dirqama siyaasaa jiruun mootummaan federaalaa dandeettii isaa of irraa ittisuu gargaaramuuf akka dirqamu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Gama biraan kan mootummaan yakka ganiinsa biyyaan himatee fi mootummaa biraa beekkannaa utuu hin qabaatin naannoo Tigraayiin prezidaantummaan kan hoogganan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’el, haal duree kaa’uun yoo mari’atame malee fixiinsa raawwchuu akka ta’e Tigraay TVf ibsanii jiran jechuun Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.