Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Waraanaa Mooraa Masaraa Mootummaa Seene Muummicha Ministeeraa Waliin Mari’ate


Muummichi minsteeraa Dr. Abiy Ahimedii fi itti aanaa muummichi ministeeraa Obbo Demmeqee Mekonnin miseensota raayyaa murna waraana adda addaa keessaa walitti dhufan waliin mari’atanii jiran. Miseensonni kun karaa nagaan gaaffii qaban dhiyeeffachuu isaanii komiishinerri komiishina poolisii Federaalaa Zeeyinuu Jamaal ibsanii jiru.

Dr. Abiyyi Ahimad Miseensota Raayyaa Hittisaa Wajjin Puush-aappii Hojjatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:16 0:00

Komiishiner Zeyinuun akka jedhanitti miseensonni raayyaa waraanaa kun muummicha ministeerichaa qaamaan arganii gaaffii isaanii dhiyeessuuf gara masaraa mootummaa dhaqan. Wayita kanas karaa nagaan mari’achuu isaanii fi muummichi ministeerichaa haala kanaan gamas dhaquun dogoggora ta’uu itti himanii isaanis dogogora isaanii amamaniiru jedhan.

Kanaan ala garuu haalli naannoo masaraa mootummaa ture nagaa ta’uun gabaasameera. Miseensonni waraanaa itti gaafatama irra jiru ilaalchisee gaaffii kan kaasan ta’uu isaaniif akka lammii biyyaatti gaaffiin isaanii dhaggeeffatamee deebii argachuu akka qabu illee itti aanaa muummichi ministeeraa Demmeqee mekonnin ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG