Xurree ittiin seenan

Breaking News

Repuublikiin Afriikaa Waaltaa Hojjettoota Gargaarsaaf Bakka Hamaa Dha


Hojjettoonni gargaarsaa mooraa namoota biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqa’anii kan Bambaarii jiruuf gargaarsa namoomaa raabsaa jiran. Republikii Afriikaa waaltaa keessaa bakka rakkoo hamaan jiru bakki kun.

Baatii darbe qofaa lolli gareelee hidhatan gidduutti geggeessame uummata kuma kudhan ta’an naannoo sana keessaa qe’ee irraa akka buqqa’aniif sababaa ta’e.

Xumura baatii Muddee, keellaan garee “Doctors without borders” kan Bambaarii keessaa yeroo lama saamame.

Bulchaan Bambaarii Matheu Bataben akka jedhanitti kanneen saamicha kana raawwatan gareelee ripxe loltootaa kanneen magaalattii to’atanii jiran utuu hin taane namoota eenyummaan isaanii hin beekamne.

Sana mara ni balaaleffanna. Sababaan saamicha kanaa nama gaddisiisa. Hiyymmaa ta’uu mala. Sun daran sababaa saamicha kanaa ibsuu mala. Garuu akkaataa itti yaadan, hanqina barnootaas ta’uu danda’a. yoo barnoota hin qabdu ta’e, kan akkasii irratti bobba’uu malta.

Saamichi sun erga raawwatamee booda “Doctors without borders” garee hojjettoota isaa fi hojii Bambari keessaa qabu gad xiqqeesse.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Repuublikiin Afriikaa Waaltaa Hojjettoota Gargaarsaaf Bakka Hamaa Dha
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00

XS
SM
MD
LG