Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senegaal Keessatti Hogganaan Mormituu Hidhamuun Mormii Kaase


Senegaal keessatti, hoogganaan garee mormituu Osmane Sonkoo hidhamu irraa kan ka’e torban dabre irraa kaasee mormiin hookkaraan guute geggeessamee jira.

Soonkoon yakka humnaan gudeeddiitiin kan himataman yoo tahu, isaan garuu gochaan kun shira siyaasaan toosame jechuun haalan.

Wixata dheengaddaa immoo magaalaa Daakaar keessatti dubartoonni uffata adii uufftan walga’uudhaan, gochaa mootumman geggeessutti aaruu isaanii fi deggersa miidhamtoota miidhamtoota hookkara saalaaf qaban agarsiisuuf hiriira bahanii turan. Hoogganichi mormituu Osmaanee Soonkoo Wixata dabre gad-lakkisame. Prezidaantiin Senegaal Maakii Saal, eega bara 2012 taayitaa qabatanii as mormitoota isaanii – namoota siyaasaa, himannaa sobaatiin yakkuudhaan hidhaa turan, jedhanuun balaaleffatamu.

Bara 2024 ennaa barri taayitaa isaanii xumuramu, heera biyyattii cabsuudhaan marsaa sadaffaadhaan dorgomuu yaaluu malu, jedhameellee sodaatama.

XS
SM
MD
LG