Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoo Shashamannee Keessatti Ajjeefameef Deebii Angawootaa


Magaalaa Shaashamannee
Magaalaa Shaashamannee

Godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti sanbata darbe kana dargaggoo Ahmed Mohamed Kadir jedhamu walitti bu’iinsa dhuunfaa uumameen mataa isaa irra rukutamee erga madaa’ee booda wal’aansa wayyaawaa akka argatuuf gara Finfinneetti ergamee wal’aanamus lubbuun ooluu hin dandeenyee jedhu jiraataan magaalattii tokko.

Reeffi isaa har’a Finfinnee dhaa deebi’uu isaa illee ibsanii du’uu mucaaf sababaa kan ta’e rukuttaan kun eessatti akka ta’e ibsaniiru.

kantiibaan magaalaa Shaashamannee aadde Xayibaa Hasan mana jireenyaa abbaa Ahmed obbo Mohamed Kediritti argamuu dhaan uummata achitti argameef haasaa dhageessisanii jiran. Walitti bu’iinsi namoota dhuunfaa gidduutti geggeessamu hookkara ka biroof sababaa ta’ee uummata jeequun irraa hin jiraatu jedhan.

kanneen haala akkasiitti fayyadamanii lubbuu namaa galaafataniif akeekkachiisa kennuu dhaan kanneen ajjeechaa raawwatan illee fuula murtiitti dhiyaataniiru jedhan Aadde Xayibaan.

Dargaggoo Shashamannee Keessatti Ajjeefameef Deebii Angawootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:41 0:00

XS
SM
MD
LG