Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shiree Keessatti  Namoonni Mana Ofii Irraa Buqqa’an Hidhamuu Tokkummaan Mootummootaa Balaaleffate


Namoota qehee irraa buqahani Mana Barumsaa Hadneet keessa keessa daheeffatanii jiran, Caamsaa 5, 2021
Namoota qehee irraa buqahani Mana Barumsaa Hadneet keessa keessa daheeffatanii jiran, Caamsaa 5, 2021

Tokkummaan Mootummootaa Tigiraay , magaalaa Shiree Keessatti  Namoonni Mana Ofii Irraa Buqqa’an Hidhamuu Balaaleffate

Qindeessituun gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa kan naannoo, Kaatriin Sozii Caamsaa 24 galgala naannoo Tigraay keellaa namoonni mana ofii irraa buqa’an keessa jiran humni waraanaa namoota 200 seeraan ala hidhuu dhaan, reebichaa fi dararaa ka biroon irratti raawwatamu balaaleffatanii jiran.

Shiree Keessatti  Namoonni Mana Ofii Irraa Buqqa’an Hidhamuu Tokkummaan Mootummootaa Balaaleffate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:48 0:00

Waahiloonni keenya akka ibsanitti magaalaa Shireetti kan argaman keellaaleen haleellaan kun irratti raawwatamanTsehaye fi Ado Wonfito namoota mana ofii irraa buqqa’an 12,000 keessummeessu.

Ms. Sozii-n namoonni seeraan ala hidhaman hatattamaan akka hiikaman gaafataniiru. Itti dabalees seerri mirga namoomaa kan sadarkaa addunyaa fi seerri mirga namaa irra daddarbaman hatattamaan qoratamuu qabu, kanneen yakka kana raawwatan illee murtiitti dhiyaachuu qabu jedhan.

Gama biraan Tigraay irraa oduu nu dhaqqabeen Loltoota Eertraa fi Itiyoopiyaan bakka qubatranii jiran irraa kan fudhataman namoonni hidhamanii turan sun guyyoota sadiif bakka addi du’aaroo jedhamutti geessu, galma gunaa jedhamu keessa erga tursiisamanii booda kaleessa galgala gad dhiisamuun gabaasameera.

Laphee fi dudda isaanii irratti reebichi hamaan irratti raawwatamee amma ciisanii kan jiran ta’uu kanneen VOAf yaada kennan ibsaniiru jedha Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG