Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Prezidaant Baayiden Haala Itiyoophiyaa Keessaarratti Baasan


Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteets, Joo Baayidin
Faayilii - Prezidaantii Yunaayitid Isteets, Joo Baayidin

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, Joo Baayidin, haala Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisuun ibsa kaleessa baasaniin, Itiyoophiyaa keessatti hookkarri hammaachuu akkasumas, naannoo fi sab-lammiidhaan addaan wal-qoqqooduun jabaachaa dhufuun kan baay’ee isaan yaaddesse tahuu eeranii, hoogganoonnii fi dhaabbatoonni Itiyoophiyaa keessaa jiran hundi araara, kabajamuu mirga namoomaa fi kabajamuu sirna sab-daneessa yokaan sirna garee hunda hirmaachisuu akka jajjabeessan gaafatanii jiran.

Hookkara saalaa bal’inaan geggeessamu dabalee dhiittaaleen mirga namoomaa Tigiraay keessatti geggeessaman dhaabachuu qabu, jechuudhaan mootummaan Itiyoophiyaa fi qaamonni siyaasaa biyyattii keessaa qooda qaban hundinuu marii hunda hirmaachise geggeessuutti akka cichan hubachiisan – prezidaant Baayiden.

Ibsa Preziaant Baayiden Haala Itiyoophiyaa Keessaarratti Baasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:27 0:00


XS
SM
MD
LG