Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Namonni Lama Of-Wareeegan Ajjeefaman


Buufata donii kan handaara magaalaa Moqdishoo cinaa mana nyaataa jiru uuffata bombiin guutamee uffatee seenuuf kan yaale of-wareegaan tokko waardiyyoonni akka hin seenne ittisuuf yeroo yaalanti dhohiinsa bombii kana geesisee.

Waardiyyonni lameen battaluma kan du'an yoo ta'u dubbii himaan polisii Moqadishoo Meejar Sadiiq Alii fi namoonni ka biroon lama mada'anii jiran. Dubbii himaan kun balaa kanaaf garee shoroorkeessotaa himatan.

Gama kaaniin aangawaan maallaqaa kan Somaaliyaa intala isaanii umriin waggaa 3 wajjiin mana isaanii kan Moqdishoo irraa fageenya kiloo meetra 90 irratti argamutti bombii darbatamee du'uun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG