Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraayiin Humnaan Jilbeenfachisuuf Yaaliin Ta'u Hin Milkaa'uu: Angawaa Tigraay


Magaalaa Maqalee fi magaalaalee kanneen biroo Tigraay keessatti Dilbata kaleessaa humnootiin addaa fi milishoonni agarsiisa waraanaaf hiriiranii turan.

Kanneen hiriiranii turan kun meeshaalee gurguddoo akkasumas salphaa ta'anqabatanii turan.

Bulchiinsa naannoo Tigraayti hogganaa waajiira nageenyaa kan ta'an Obbo Takki'uu Matakuu "Tigraayiin Humnaan Jilbeenfachisuuf Yaaliin Ta'u Hin Milkaa'uu" jedhan.

Gama biraan magaalaa Maqalee keessatti lafa gabaa beekamaa kan ta'e Addii Haqqii keessatti ibidda jabaa ka'een suqileen 520 gubachuun beekamee jira .

Balaan kun Sambata darbee halkan kan dhaqqabe ta'u Muluugeetaa Atsebahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG