Shaalaqaa,Kumaalaa Jaatanii Alii adoo jiraate jaarsa silaa nama ganna 78. Adoolessa 2, 1992 Naayroobii Keenyaatti galaafatan. Mootummaa duriitti miilota isaa itti guurratee ijjeesisee f ijjeesise jedhanillee ebelutti tanaan qabamee seeraan himatame hin dhageenne.
Jaatanii Alii,abbaan Hawwii baruma ijjeesan sun ummatii bahee Naayroobiitti awwaalan.Akka nama wanjala hojjatee ijjeesan Yaaballotti ulfinnaan soodduu dhaabaniif.
Jaatanii Alii,akka namii hedduun yaamuunitti jabaa fi janna biyyaati.Namii biyya bulchu akka abbaan Gadaa Booranaa,Kuraa Jaarsoo jedhutti nama aadaa fi dhugaan biyya dura deemu. "Jabaan hin dhalata."
Wannii cuftii akka abbaan gadaa jedhutti aadaa keessa jirti."Seerii diqqaa guddaa,nadheenii ijoollee…aadaa keessa jira."
Waan Shalaqaa Jaataniin beekan hedduu keessaa sadii:Ijoollee barsiifadhaa, mana diratti jaarradhaa,beesee baankii keeyyadhaa.
Soodduun Yaabalotti jaaraniif akka bulchaan godina Booranaa aabba Guyyoo Galgaloo jedhutti birrii miliyoona sadii olitti itti bahe.
"Goota dacheen Booranaa biqilchite,Jaatanii Alii goota akka Taaddasaa Birruu fa waliin seenaan yaadata,"’jedha aabba Guyyoo Boruu.Shalaqaan nama bara hamaa keessa ciniinachaa biyya bulchaa bahe.
Warrii beeku Jaatanii Alii jabaa guyyaa lolaa, qaroo gaaddisa koraa, tolaa akka galanaa fulaa bahe cufa guutee biyyaa malkaa dabarsuun beeka.
Bulchiini Booranaa ka ammaa Gadaa isaa addunyaafuu fakkeenna taate bulchiinsa Jaatanii Alii fi bulchiinsamootummaa ammaa walti dabalatee akkamiin Boorana bulchitan jennaan: Sooduun tun hujii Jaatanii cufaa fulaa bu’uu baattullee soodduun hin buqqaane onnee teenna keessa jirti, jedha aabba Guyyoo.
Bulchaa dansaa jechuun ka ufi kennu,ka ciniinnatee bara hamaa fi tolaa keessalleetti biyya gargaaru.Abba Guyyoo akkuma Jaatanii ciniinnatee biyya gargaare gargaarufu waadaa gale.
Maatii Jaatanii Alii
Gaafa shaalaqaa Jaatanii ijjeesan,intaltii isaa,Hawwiin nama ji’a torbaa jedhan. Isii fi haadha isiitiif gargaarsa ummataa itti dabaltanii Yaaballotti mana jaaruuf qophii jiran.
Namii Jaatanii ijjeese qabamee seeraan gaafatee hin dhageenne
Ijjeechaa shalaqaa Jaatanii nama hedduu keessatti himan.Akka aabba Guyyoo jedhutti warii qabso Oromoo gufachiise,nama miidhe, lubbuu galaafate ammaaf dahatullee gargaarsa ummataatiin seeratti hinuma dhiyaata.Olaantummaan seeraa hin kabajama.
"Jara Jaatanii ijjeeseef hardha guyyaan ka gaddaati,nuuf ammoo ammoo gammachuu aarsaa akka isaa bahuuf hundi keenna hin hojjana.”
Abbaa Gadaa Boorana Kuraa Jaarsoo:
Abbootii Gadaa Booranaa godaanna jilaatiif Liiban jirti. Amma Liibanii dachaatee ardaa jilaa oofii jirti.Abbootin Gadaa fiixee sadeen haga jirtii hobbaatutti jila keessaa hin yaatu,taatullee fuluma jiranitti “gammachuu sooddoo jaatanii ulfeeffachuutti jirra,” jedha abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo.
https://kichuu.com/omns-looking-back-life-legacy-late-jatani-ali-tandhu/
Jaataniin akka Abbaan Gadaa jedhetti nama gosa cufa walqixxeetti laalu,gosa durii waliin qubattu,Arsii,Boorana,Gujii fi Gabraa ffi gosa dhibiillee tokko tolchee hojjachaa bahe.
“Namii biyya dura deemu aadaa fi dhugaan biyya bulchuu male.”
Eebba Soodduu Shaalaqaa Jaatanii Alii malee OBN ammoo istuudiyoo Yaaballotti banate hardha eebbise. Tana maleellee waajjira fooqii sadi qabu achitti banachuuf hardha dhagaa yayyabaa kaahan.