Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaalliin COVID-19 Lama Nama Irratti Yaalamuuf Sadarkaa Dhumaa Irra Jira


Yaaliin talaallii COVID -19 lama amansiisaa fi milkaa’aa ta’uu adda baafachuuf jecha kaleessa Yunaayitid Istetis keessatti yaaliin isaa bal’inaan jalqabee jira.

Namni fedha ofiin talaallii kana fudhate kan Savaanaa Joorjaa keessaa kaleessa ganama talaallii yaaliif dhiyaate kan kampanii US keessa maadheffatee Modernaa fi qorattoota waaltaa biyyoolessaa kan dhukkuboota daariqaa fi alerjiin qophaa’e fudhatee jira.

Namoonni fedhiin talaallii kana fudhatan jalqabaa namoota 30,000 guutuu biyyattii irraa yoo ta’an kanneen kunis talaallii kana turban hedduuf erga fudhatanii booda COVID-19n qabamuu fi dhiisuu isaaniitu adda baafamuuf jira.

Talaallii kana kanneen fudhatan jalqaba irratti mallattoon irratti kan hin argamne yoo ta’u kanneen walakkaa ol ta’an dadhabii, mataa dhukkubbii, qorrisiisuu, fi qaamn isaanii dhukkubuutu itti dhaga’ame.

Hoogganaan waaltaa dhukkuboota daariqaa fi alerjii Dr.Antonii Faawuchii wixata kaleessaa tuuta oduuf ibsa kennaniin ba’iin talaallii yaaliif dhiyaate sadarkaa dhumaa jalqaba baatii Sadaasaa irra beekama jedhan. Yoo yaaliin kun milkaa’e kampaniin Modernaa talaalliiwwan doosii miliyoona 500 waggaatti kan oomishu yoo ta’u bara 2021tti immoo waggaatti doosii biliyoona tokko oomishuu mala jedhanii kan abdatan ta’uu dubbatan.

XS
SM
MD
LG