Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmiyaa Gargaarsaa Misoomaa Kan Yunaayitid Isteetis USAID Gargaarsa Naannoo Tigraay Ilaalchisuun Ibsa Baase 


Jaarmayaan gargaarsaa Yunaayitid Isteetis ( USAID) walitti bu’iinsa Tigraay keessaan kanneen miidhaman gargaaruuf hidhaa laastika jabaa 1500 qubsuma yeroofii namoota 82,000 ta’u qilleensa irraan buusuuf kan jiru ta’uu beeksise. Gargaarsi qilleensa irraan bu’u kun kuusaa USAID KAN Dubaay jiru irraa gara Itiyoopiyaatti egrgamuuf jira.

Walitti bu’iinsi ku namoonni miliyoona tokko ta’an qe’ee ofii irraa akka baqatan kan dirqisiise yoo ta’u, hedduun isaanii yeroo ammaa ala ykn qubsuma namni waliti tuucha’e keessa bulaa jiran. USAIDn hafata irra rafan, uffata halkanii fi meeshaa mana keessaaf barbaachisu kan akka distii, saanii fi meeshaa nyaata itti bilcheeffatan kan dhiyeessu ta’uun beekameera.

Meeshaaleen gargaarsaa kun kan USAIDn namoota walitti bu’iinsa Tigraay keessaan midhamaniif dhiyeessu keessaa ti. Erga rakkoon sun jalqabee qabee Yunaayitid Isteetis gargaarsa namoomaa nyaata, nyaata madaalamaa, kunuunsa fayyaa, qubuma, meeshaalee baraarsaa, bishaan dhugaatii qulqulluu fi sagantaalee kanneen akkaan rakkoof saxilamaniif oolu dabalatee doolaara $305 ta’u gumaachiteetti. Itti dabaluu dhaanis gareen deggersa yeroo balaa fi deebii kennu kan USAID, tattaaffii gargaarsa namoomaa mootummaa Yunaayitid Isteetis safffisuuf gamas ture.

Qaamotiin martinuu gargaarsa namoomaaf daandiin akka saaqamu mirkaneeffachuu qabu. Haa ta’u malee gargaarsi qofti bu’uura rakkoo sanaa hin dhabamsiisu.

Dararaa jiru hanqisuuf walitti bu’iinsi hatattamaan dhaabachuutu barbaachisa. Dubbiif wal barbaaduun, humnoonni Eertraa hatattamaa fi guutummaan gamasii akka ba’anii fi mootummaan Itiyoopiyaa humnootii naannoo Amaaraa Tigraayitti bobbaasuu dhaabuun tarkaanfii barbaachisu kan duraa ti. Rakkoon kun hammaataa akkuma deemeen Yunaayitid Isteetis, uummata gargaarsi akkaan brabaachisu dhaqqabuuf deggersa arjoomtota biraa ni simatti jedha ibsi dhaaba gargaarsaa Yunaayitid Isteetis USAIDn kennme.

XS
SM
MD
LG