Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Waancaan Oromiyaa Keessa Darbaa Jiru Mormiin Isa Mudateera


Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Waancaan Oromiyaa Keessa Darbaa Jiru Mormiin Isa Mudateera
Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Waancaan Oromiyaa Keessa Darbaa Jiru Mormiin Isa Mudateera

Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Manasibuu magaalaa Mandii keessatti Roobii darbee Adooleessa 27 bara 2016 gara dhiyaatti waancaan waa’ee hidha Abbayyaa kun magaalaa Najjoo irraa ka’e Mandii seenuu isaa jiraattonni ibsanii jiran. Waancaa kana Najjoo irraa gara magaalaa Mandiitti fiduuf aangawoonni abbotiin qabeenyaa konkolaataa ofii dirqiin oofanii Najjoo dhaquun waancaa kana simatanii gara Mandiitti akka geessan dirqisiifaman kan jedhu.

Waancaan walakkeessa magaalaa Mandii yeroo ga’uutti dargaggonni mormii waan dhageesisaniif jechu humnootii naannoon reebichaa fi hidhaan irra ga’uu fi barattonni yunivarsitii irraa boqonnaaaf maatii bira jiran sadii hidhamuu dubbatu. Halkana gaafa sanaas waajirri gandaa tokkoo guutummaatti gubachuu isaa kan ibsan jiraattonni Daandiin magaalaa Mandii irraa gara Asoosaatti geessu walakeessa halkanii booda cufamee akka ture booda garuu humni nageenyaa banuu isaa dubbatu.

Bulchiinsi magaalaa Mandii garuu nagaan waancaa kana simannee gara magaalaa itti aanuutti dabarsinee jirra jedha. Mormiin ka’e tokko iyyuu hin turre , namni reebames ta’e hidhame hin jiru jechuun waajirri gandaa guutummaatti otoo hin taane hanga tokko qofa gubachuu isaa fi maaltu akka gube qoratamaa jira jedha.

Gabaasa guutuu armaa gadiitti caqasaa

Hidha Laga Abbayyaa Ilaalchisee Waancaan Oromiyaa Keessa Darbaa Jiru Mormiin Isa Mudateera
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:42 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG