Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Waraansa Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Irratti Gabaasnii Haaraan Har’a Ba’e Jira 


FAAYILII - Konkolaataa waraanaa miseensota human waraanaa Itoophiyaa fe'ee deemu, Caamsaa 11, 2021

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti haleellaa meeshaalee gurguddoo, haleellaa samii irraa gaggeeffamee kan xayyaara nam-maleeyyii dabaltee gaggeeffameen, yoo xiqqaate namnii 403 ajjeefamanii 309 miidhaa qaamaa salphaa fi jabaan isaan irra ga’u isaa komishiinni mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa gabaasa har’a baaseen hubachisee jira.

Kunis qaamoleen walitti bu’iinsa sana keessaa harka qaban maraan kan gaggeeffamee fi seera gargaasa dhala namaa kan cabsee ture jedha gabaasichi.

Kana malees jedha gabaasnii Komishiinichaa kun, humnaa gudeeddii fi hokkarri saalaa akka meeshaa waraanaatti hojii irra ooluu isaa ibsee jira.

Yaadawwan Ilaali (22)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG