Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waxabajjii Keessa Filannoo Lamatu Itiyoopiyaa Keessatti Geggeessamuuf Jira 


Boordiin filannoo biyyoolessaa Itiyoopiyaa guyyaa filannoo biyyoolessaa geggeessu Waxabajjii 5 bara 2021 sagalee hiree ofii murteeffannaa kan uummatoota kibba gama dhiyaa geggeessuuf qophee barbaachisu xumuruu beeksisee jira.

Dubbi himtuun boordii filannoo Sooliyaanaa Shimellis VOAf akka ibsanitti filannoo biyyoolessaa fi filannoo hiree murteefannaa guyyaa tokko geggeessuun akka namoonni hangi tokko sodaatan uummata sagalee kennu kan bitaa itti galchu miti jedhan.

Baasii adeemsa jiruuf ba’u gad xiqqeessa jechuun dubbi himtuun kun ibsanii, boordiin filannoo adeemsa filannoo hiree murteeffannaaf qarshii miliyoona 7 ramade jedhan. Hireen murteeffannaa Sidaamaa baatii sadaasa bara 2021 kan geggeessame yoo ta’u boordicha qarshii miliyoona 70 baasise jedhan jechuun Yoonaattan Zebdwoos gabaaseera.

Yaadawwan Ilaali (18)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG