Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Dhaabbata Jarmanii Tokko Koolu Galtoota Galaana Mediteraaniyaan Qaxxaamuruuf Yaalan To’ataa Jirti


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Gareen koolu galtoota Afriikaa yabala gommaatti gargaaramuun galaana Mediteraaniyaan ce’uuf ennaa isaan yaalan, xayyaarri xiqqoontokko immoo dhunduma 1000 ol fagaattee koolu galtoota Awrooppaa ga’uuf yaalan kana naanna’uun itti dhiyeenyaan to’ataa turte.

Xayyaarattiin qabeenyaa dhaabbata Jarmanii kan mootummaa hin ta’inii taate kun, naannoo galaanaatti dhiittaa mirga namaa koolu galtoota kana irratti raawwatamuu fi ennaa isaan balaa keessa bu’an doonilee naannoo jiranii fi angawoota iyyata koolu galtoota kanaa duraa qabuu dhiisuun dabalaa deeme galmeessuuf ramadamte.

Yeroo duumessaan marfame waaree booda baatii Onkoloolessaa keessa kan ka’u bakakkaa fi bubbee hamaan yabalaawwan nama humnaa ol fe’atte kana balaa hamaaf saaxila. Erga bara 2014 qabee, Awrooppaa seenuu yaaluuf jecha namoota galaana Mediteraaniyaan ce’uuf yaalan 23,000tu du’an ykn as buuteen dhabame jechuu dhaan jarmayaan koolu galtootaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisee jira.

Balaan haa jiraatu iyyuu malee, koolu galtoonnii fi baqattoonni hedduun, Liibiyaatti deebi’uu irra, Awrooppaatti ce’uu utuu yaalanii du’uu filatu. Doonii keessaa gad ba’anii waaltaalee keessa tursiisaman keessa yoo ta’an, yeroo hadduu dararaa wali irraa hin cinnetu irratti raawwatama.

XS
SM
MD
LG