Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli Tigraay Keessaa Lubbuu Galaafataa Jiraachuun Gabaasame


Faayilii - Namoota Tigraay Aguaalaa keessatti qarqaarsa midhaan nyaataa dhihaate hirachaa turanCaamsaa 8, 2021
Faayilii - Namoota Tigraay Aguaalaa keessatti qarqaarsa midhaan nyaataa dhihaate hirachaa turanCaamsaa 8, 2021

Naannoo Tigraay keessa sababaa beelaan kan ka’e guyyaa guyyaa dhaan namoonni kudhan waaltaalee eegumsa fayyaa keessatti lubbuun isaanii darbaa jira jechuu dhaan waajjirri eegumsa fayyaa naanno sanaa beeksisee jira.

Waajjirichi itti dabaluu dhaan sababaa beelaan dhukkubsatanii gara waaltaa eegumsa fayyaa kanneen dhaqanis caasaan eegumsa fayyaa irra hedduun waan diigameef jecha, tajaajila ga’aa argataa hin jiran jechuun beeksisee jira.

Hospitaala riferaalii Ayider keessatti mucaa isaanii sababaa beelaan dhukkubsatte kan wal’aansaaf geessanii fi VOAn haasofsiise haati tokko, wal waraansa sana keessa qabeenyaan isaanii saamamuu isaaf hanqina nyaataan rakkataa jiraachuu dubbatan.

Aadde Mihiret Gebre jedhamu. Intala isaanii Mekdes Muluu jedhamtu kan umuriin ishee waggaa lamaa sababaa hanqina nyaataan dhukkubsachuu isee dubbatan. Aadde Mihiret naanno Tigraay zoonii gama bahaa aanaa Tsiraa’oo Wembertaa ganda Qeheen jedhamtu keessa jiraatu. Sababaa wal waraansa sanaan torbanneen sadiif qe’ee isaanii dhiisanii ijoollee isaanii waliin bosona keessa kan turan ta’uu dubbatan.

Gargaarsa midhaan nyaataas kan hin argannee fi beeladaaleen isaan qonnaaf itti gargaaramais loltootaan humnaan fudhatamanii qalamanii nyaataman jedhan.

Itti aanaa itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa naannoo Tigraay Dr. Ri’ee Isaayaas, beelli yeroo ammaa Tigraayiin mudatee jiru sadarkaa addunyaatti gargaarsa yeroo hatattamaa kan isa barbaachisu jedhan. Ijoollee hedduun sababaa beelaan dhukkubsatanii gara waaltaalee eegumsa fayyaa tajaajila fayyaa kennaa jiran dhufaa kan jiran yoo ta’u, namoonni illee du’aa jiru jedhan jechuun Mulugeta Atsbeha Maqalee irraa gabaaseera.

XS
SM
MD
LG