Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen TPLF Mootummaan Magaalaa Maqalee Samii Irraan Haleele Jechuun Himate


Faayilii - Magaala Maqalee, Amajjii 5, 2020
Faayilii - Magaala Maqalee, Amajjii 5, 2020

Kan sabaa himaa Itiyoopiyaa gama kaabaa to’atee jiru gareen riphee lolaa, mootummaan Itiyoophiyaa wixata har’aa magaalaa Maqalee irratti samii irraan haleellaa geggeesse jechuun himate, mootummaan garuu gabaasa sana ni hale.

Televiziyoona Tigraay kan mootummaan garee shorokessaa ittiin jechuun moggaasee fi ofii isaa humna Tigraay jedhee of waamu TPLFn to’atamu akka jedhetti haleellaan sun magaalaa Maqalee irratti kan geggeessame yoo ta’u, siviloota hedduu galaafate. Hojjettoonni gargaarsaa fi doktoroonni naannoo magaalattii irratti haleellaan geggeessameera jedhan.

Dubbi himaan mootummaa Itiyoophiyaa Leggesee Tulluu haleellaan kamuu hin geggeessamne jechuun haalan. Mootummana Itiyoopohiyaa maaliif kan inni magaalaa ofii isaa haleelu? Maqaleen magaalaa Itiyoopohiyaa ti jedhan. Raaoyiters himannaa kana naannoo sana gaaxixeessonni waan hin dhaqqabneef jecha dhuunfaan adda baasuu hin dandeenye.

XS
SM
MD
LG