Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayiti Isteetis Loltoota Ishee Kuma Hedduu Jarmanii Keessaa Baaste


Yunaayiti Isteetis Loltoota Ishee Kuma Hedduu Jarmanii Keessaa Baaste
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:18 0:00

Jeettoota ishee waraanaa maadhee humna qilleensaa Spangdahlem jiran gara Xaaliyaaniitti godaansisuu fi maadhee Ajaja waraanaa ishee ka damee Awurooppaa gara Beeljiyeemitti geessuu dabalatee, Yunaayitid Isteetis loltoota ishee kuma kudha lama Jarmanii keessaa baasuu isheetti, hayyoonni hedduun baay’ee dinqaman. Waraansa Addunyaa Lammataa tii booda, jijjiirraa guddaa waraana Yunaayitid Isteetis keessatti tahe isa jalqabaa tahuu dubbatan – Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteetis – Mark Esper.

“Jijjiirraan kun, qajeelfama ijoo Yunaayitid Isteetis fi NATOn Raashiyaa dursanii ittisuuf qaban fiixaan baasuuf gargaara. Humna NATO jabeessa, haala wajjiin jijjiirraa tarsiimoo Yunaayitid Isteetis gootuu fi jijjiirraa hojimaata waraanaa Ajaja Damee Awurooppaa ka waraana Yunaayitid Isteetis fooyyesa jedhan – Esper.”

Garuu, prezidaant Doonaald Traamp immoo Waayit Haawus irraa, jijjiirraa guddaa kanaaf sababaalee ka biroo akka qaban ifa taasisan.

“Garuu, Jarmaniin idaa NATO doolaara biliyoona hedduu tu irra jira. Maaliif loltoota keenya kana hunda biyyattii keessa keenya? Amma immoo deebitee, Jarmaniin dinagdee keenyaaf hamaa dha, jetti. Nuti immoo dinagdee keenyaaf gaarii dha. Jarmaniin Idaa baattee jirti.” Jedhan, Prezidaant Traap.

Prezidaantichi yeroo dheeraadhaaf, Jarmanii akka michuutti otuu hin taane, akka dinagdee Yunaayitid Isteetisiif yaaddoo taateetti, jabeesanii qeeqaa turan. Hayyoonni dhimma hariiroo qaxxaamura Atilaantik garuu, tarkaanfiin Yunaayitid fudhatte kun, hariiroo biyyoota lameenii baay’ee hamaa akka tahe dubbatu. “NATO ni dadhabsiisaa, prezidaantii Raashiyaa – Vilaadmiir Puutiiniif immoo gammachuu dha,” jedhu.

Yunaayiti Isteetis Loltoota Ishee Kuma Hedduu Alla Jarmanii Keessaa Baastu Labsite
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:15 0:00


XS
SM
MD
LG