Donaald Traamp Gurmuu Naamusa Biyyattii Tiksu Tokko Irratti Himannaa Dhiheessuufi

  • VOA

Prezidaantummaa Donaald Traamp jalqabee guyyotoa xiqqoo keessatti, “keeyyata heera biyyattii tokko cabsee jira” – jechuudhaan gurmuun naamusa biyyattii tiksu tokko himannaa irratti dhiheessuuf karoorfachuu isaa dubbata.

Lammiwwan kan Itti-gaafatamummaa fi Naamusaa Waashinton keessaa – yokaan CREW jedhamuun beekamu – gurmuun kun – har’a, mana-murtii Federaalaa, ka magaalaa New York, Manhaataan keessa jiru irratti himannaa sana prezidaantummaa Donaald Traamp irratti dhiheessuu yaadu isaa beeksise.

Keeyyatni heera Yunaaitid Isteets keessa jiru tokko --- “mootummoota dabalatee humnoonni biyyoota alaa, otuu manni-maree bakka-bu’ootaa yokaan Koongiresiin Yunaayitid Isteets hin mirkaneessiin kaffaltii yokaan kennaa prezidaantii Yunaayitid Isteetsiif kennuu hin danda’an.” – jedha.

Traamp amma illee dhaabbatoota isaanii daldalaa irraa guutummaatti addaan hin citne. Amma illee mootummoota alaa irraa karaa keessummootaa fi ayyaanawwan hoteelaa isaanii fi gamoo isaanii daldalaa keessatti geggeessamanii maallaqaa fi kenna argataa jiran – jechuun himata – gurmuun naamusa Mootummaa qoratuu fi tiksu kun.