Walgahii Traamp fi Muummittii Ministaraa Briteen

  • VOA

President Donald Trump stands with British Prime Minister Theresa May in the Oval Office of the White House in Washington, Jan. 27, 2017.

Muummittiin ministaraa Briteen – Teresaa Mey, har’a, Waayit Haawus keessatti prezidaantii Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp wajjiin walga’aa jiran.

Waliin ta’uudhaanis tuta gaazzexeessotaaf kan ibsa kennuuf jiran yoo tahu, daawwannaa kanaan – eega Traamp taayitaa prezidaantummaa qabatanii booda, hooggantuu biyya alaa prezidaanticha wajjiin wal-ga’an isaan jalqabaa ta’uuf jiran.

Hoogganoonni lameen, keessumaa, karaa daldalaa hariiroo biyyoota lameenii cimsuu irratti mari’achuuf jiran. Briteen Gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uuf murteessuun ishee fi Traamp, walii-galtee daldalaa qaxxaamura Tuujii Paasifik, ka biyyoota 12 hirmaachise keessaa ba’uuf mallatteessuun isaanii, akka biyyoonni lameen guutummaa Addunyaa irratti walii-galteelee haaraa tolfachuuf dubbatan dirqsiisa – jedhama.

Mey Gamtaa Awurooppaa keessaa ba’uuf murteessuun, godaantota gara Briteenitti yaa’an irra irratti to’annaa qabaachuuf akka tahe dubbatame iyyuu, haga ammaatti imaammata isaanii kana ifattti hin dubbanne.