Chaayinaan 'Dooniin Humna Galaanaa Yunaayitid Isteets USS Sethem Jedhamu Daangaa Cabse' Jechuun Balaaleffatte

  • VOA

Chaayinaan 'Dooniin Humna Galaanaa Yunaayitid Isteets USS Sethem Jedhamu Daangaa Cabse' Jechuun Balaaleffatte

Dooniin humna galaanaa Yunaayitid Isteets odoola wal-falmsiistuu galaana Chaayinaa Kibbaa keessa jirtuu fi mootummoonni biyyoota Asiyaa sadii abbummaa irratti labsatan – Odoola Tritoon irraa fageenya maayilii 12 lamaa irra akka deemaa jirtu himamee jira.

Chaayinaan immoo, “dooniin humna galaanaa Yunaayitid Isteets, kan “USS Sethem” jedhamu, daangaa cabse – jechuun balaaleffattee , kaleessa dooniilee ishee waraanaa fi jeettota ishee gara sanatti bobbaaftee jirti.

Doonin Yunaayitid Isteets sun, shaakala mirga nagaan dabruu gochuu, ka duraanuu baratame irraa kan hafe waan haaraa akka hin godhiin dubbatu – aangawaan Yunaayitid Isteets tokko immoo.

Dubbiu-himaan ministirii dhimma alaa Chaayinaa Luu Kaang garuu, “gochaan Yunaayitid Isteets, tuttuqqaa siyaasaa fi waraanaa ti” jechuun balaaleffatan.