Obonboleettii Irmaaa Booru Gar-tokkee Bahaamaas fi Gar-tokkee Kuubaa Rukkutuuf Jira

  • VOA

Obonboleettiin cimaan jandoo makatee buubbisu, kan “Hurricane Irmaa” jedhanmu, eega biyyoota naannoo Kaaribiyaan keessatti miidhaa jabaa geeggisee booda, sa’atii tokkotti kiiloo-meetira 240 buubbisuun gara Lixaatti qajeelee, boor, gar-tokkee Bahaamaas fi gar-tokkee Kuubaa kan rukkutuuf jira – waltaan qorannaa obonboleettii, ka biyyoolessaa beeksisee jira.

Obonboleettiin hamaan sa’atiitti kiiloo-meetira 240 gugatu kun, gaafa Dilbata dugdee lafa kutaa Flooriidaa ka dhaqqabe ta’uunis beekamee jira. Yeroo kutaa Flooriidaa dhaqqabu ciminni isaa kan hin laaffanne ta’uu illee – raagdonni haala qilleensaa tilmaamanii jiran.

Labsiin haala balaa hatattamaa Obonboleettii “IRMAA”, lafa odoola Bahaamas keessaa haga tokkoo, kutaalee biyya Kuubaa haga tokko, odoolota Kaayikoosii fi dugdee Flooridaa irratti labsamee jira.