Abukaatoo: Himatamaa  Akkaan Dhukkubsate Wal’ansaaf Geessuu Mannaa Bellamaaf Mana murtii Fidan

  • Jaallannee Gammadaa

Magaalaa Amboo fi naannoo isheeti waggaa lama dura kan qabamanii fi irra jireessi isaanii barsiisoota kan ta’an namoonni 16 har’a mana murtii Fedeeraala olaanaa Lidataa jiru dhaddacha 4ffaa tti dhiyaatanii jiru.Galmee Obbo Tashomaa Raggaasaa jalatti namoota himannaan shoroorkaa irratti dhiyaate kana keessaa barsiisaa Yunivarsitii Amboo kan ta’an Obbo Deebisaa Bayyanaa dhukkubsatanii ofiif dhaabachuu kan hin dandeenyee akkasumas dubbachuu gonkumaa kan hin dandeenye ta’u abukaatoon isaanii ibsanii jiru.

Maal akka ta’an gaafachuuf hin dubbatu kanneen isa waliin fidamaniis kutaa adda addaa keessatti kan hidhaman waan ta’eef waan irra ga’e hin beeknu jedhan.Garu yeroo baasanii konkolaataa seensisan diddaa agarsisuus didanii fidan jechuu isaanii ibsamee jira.Abukaatoo isaanii kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa akka jedhanti mana yaalaa haa geeffamuu jedhee dhaddacha gaafannaan waa’ee murtii kanaa bulchiinsa mana hidhaa qilixoo ilaallata naan jedhan jedhu.

Rakkoo maallaqaatu jira taanaan ani nan kennaaf jedhee qarshii 200 baafnaan waardiyyaan mana hidhaa Qilinxoo kan deemsa mana murtii keessaa caqasuuf waliin dhufte maallaqa kennuufii barbaannaan achuuma mana hidhaa dhaquun malee asitti kennuu hin dandeessu jettee miti diduu ishee abukaatoo Wandimmuun ibsanii jiru.

Sana booda yeroo dheeraaf mana murtii eega turanii booda hunduu gara mana hidhaa Qilinxootti deebifamuu ibsan.Jala Murtii kennuuf bellamnii har’atti qabamee ture yeroo biraatti bellamamee jira.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Abukaatoo: Himatamaa  Akkaan Dhukkubsate Wal’ansaaf Geessuu Mannaa Bellamaaf Mana murtii Fidan