Daayreekteera Fiilmii “paarasaayit” kan ta’e lammiin Koriyaa kibbaa Bong Ho badhaasa Akaadaamii 92ffaa isa kabajaa guddaa qabu eega badhaafamee booda lammiwwan Koriyaa Kibbaa ayyaaneeffannaa guddaa keessa jiran. Badhaasa Akaadaamii kanneen biroo 3 eega badhaafamee booda isa arfaffaa fi beekamaa kana argate.
Congratulatory Message from President Moon Jae-in(@moonriver365) on Korean Film “Parasite”(@ParasiteMovie) Winning Academy Awards pic.twitter.com/LjAhXTwXhY
— The Office of President Moon Jae-in (@TheBlueHouseENG) February 10, 2020
Ergaa gammachuu pirezdaantin biyyattii kara tiwiterii isaanii maxxansan
Bong yeroo badhaasa kana Dilbata kaleessaa galgala fudhateetti hasawaan dhagesisee gabaabaa yoo ta’u har’af kan barbaachisuu argadheedheeran se’a. kanaaf bashannanuuf qophaaeera, hanga bor ganamaatti nana dhuga jedhe.
Suul koriyaa kibbaa keessatti lammiwwan biyyatti Midiyaa sabaa himaa irratti filmiin isaanii injifachuun seena qabeessa ta’u barreessaa jiru.
Filmiin Paaraasaayit Filmii afaan biyya alaan hojjatame kan yeroo duraaf badhaasa Akaadaamii argate yoo ta’u filmii koriyaa kibbaa kan badhaasas Oskar argate kan jalqabaati.