Hojii Waldaan Waldaan Wal-gargaarsa Qeerroo Faca'ina Vaayirasii Koronaa Ittisuuf Hojjetaa jiru

  • Namoo Daandii

Faayilii - Tattaafi tamsa'ina Vaayirasii Koronaa ittisuuf Ambootti godhamaa jiru keessaa

Irra-jireessa barattoonni Yunivarsitii keessatti kan itti hirmaatan gurmuun tola-ooltummaa dargaggootaa “Waldaa Wal-gargaarsa Qeerroo” jedhamu, faca’ina Koronaa dursanii ittisuuf, Godinaa Wallaggaa Lixaatti, duula dadammaqsa uummataa geggeessaa jira.

Akka dura-taa’aan waldichaa, dargaggoo Abdii Habtee jedhutti, otuu Oromiyaa Lixaatti quunnamtiin interneetii fi bilbilaa hin banamiin dura irraa jalqabee waldaan isaanii abboota qabeenyaa fi ogeessota fayyaa wajjiin wal-gargaaruudhaan poosterootaa fi barruulee gara garaa maxxansee uummataaf raabsaa jira.

Kana malees meeshaalee vaayirasicha daddabruu irraa ittisuuf gargaaru akka Maaskii fi Sanitaayizarii harka ittiin qulqulleeffatan Hospitaala Najjoof gumaachee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Hojii Waldaan Waldaan Wal-gargaarsa Qeerroo Faca'ina Vaayirasii Koronaa Ittisuuf Hojjetaa jiru