Afriikaan weerara vaayiresii koronaa addunyaa mudatetti duuluuf qophaa’aa ennaa jirtu kanatti Yunaayitid Isteetis hospitaalota bakkaa bakkatti sosso’uun tajajilan kan
“Mobile Hospitals” jedhamuu fi ogeessota fayyaa humnootii Ameerikaan leenjifaman kanneen faca’ina vaayiresii kanaaf deebii kennuuf gargaaran Gaanaa, Senegaal fi Ugaandaaf gumaachitee jirti.
Hospitaalli ulaagaa sadarkaa lammaffaa kan tokkummaa mootummootaa qabu kun dhukkubsattoota kan simatu akkasumas tokkoon tokkoon isaanii meeshaa haffuura baafachuuf gargaaru sadi sadii kan qaban ta’uu angawoonni waaltaa ajajaa Ameerikaa kan Afriikaa AFRICOM VOAf ibsaniiru.
Gabaasa Karla Baab Jaallanneetu dubbisa.