Weerara Dhukkuba Koviid-19 fi Itiyoophiyaa

  • VOA

Sa'atilee darban 24 keessatti namonni qorannaan irratti gaggeeffame 6187 keeessaa 170 vaayrasii koranaan qabamanii jiru.

Bulchiinsa nannoo Somaalee keeessatti guyyaa tokkotti namnii 57 Koviid-19n qabamuun lakkoobsa guddicha jedhamee jira.

Sa'atilee darban 24 keessatti namnii 3 dhukkuubuma kanaan du'uun ibsamee jira.

Gama kaaniin Godiina shawaa Lixaa aanaa Ansaaroo keessatti namoonni 57 kanneen sirna awwaalcha nama Koronaan du'e irratti argaman adda baafamanii kaa'amuu ibsamee jira.