Namoonni Waaltaa Yeroof Tursiisaman Seenan Dhiphina Sammuuf Saaxilamne Jedhu 

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Lakkoobsi namoota Vaayiresii koronaan qabaman ol kaa’aa ennaa adeemetti Itiyoopiya akeessaa namoonni of ajjeesuu ykn waaltaa keessa tursiisaman keessaa milquuf yaaluun dhaga’amaa jira.

Kunis sababaa hanqina odeeffannoo ga’aa yoo ta’u bakka tursiisaman jechuun waaltaan keessa tursiissaman maali? Namoonni ennaa bakka sana seenan maaltu ta’a? namoonni yoo vaayiresichaan qabamuu shakkaan maal gochuu qabu kan jedhu of keessaa qaba.

Waaltaan keessa tursiisaman hangi tokko fedhii bu’uuraa uummataa hin guutaniif. Kun martinuu wal ga’ee dhiphina sammuuf namoota saaxilaa jira. Waahilli keenya Simenyish akka gabaastetti namoonni waaltaa kana keessa jiranii fi achi keessa turan dhibbaa yaada sammuu irra jiru dubbataniiru.